Mammaaksota Oromoo Qubee “O” n Jalqaban.
1 Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti
2 Obsaan aannan goromsaa dhuga
3 Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.
4 Oduuf na qalani jette lukkuun.
5 Oduun soora (nyaata) gurraati
6 Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte.
7 Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu.
8 Ofii jettu mi’aayi yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan
9 Ofii nyaatan ormaa laatan.
10 Ofiifu duutii maaf of huuti.
11 Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
12 Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan.
13 Ollaa fi dugdaan ka’an.
14 Ollaa fi Waaqatti gadi bahu.
15 Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
16 Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a
17 Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama baasa
18 Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
19 Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin.
20 Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte.
21 Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee jette jeedalli sareen.
