Geerarsa Nama Leenca Ajjeesee
Loon keessan dachaafadhaa,
Leenca koon bobbaafadhaa,
Leenca anffaarroon daggalaa
Nat-ajjeesee maggalaa!
Kolol- kololii booraa,
Abbaa jabboota boora
a Nat-ajjeesee ittiin kooraa,
Abbaa joffee daggalaa Nat- ajjeesee maggalaa!
Nat-ajjeesee maggalaa!
Dubarri godoon bultuu,
Kan haadha moote malee,
Ijoolleen booran simattuu,
Nan gaalamoote malee!
Ya harmee koo danbalaatu,
Ya harmee koo danbalaatuu,
Ya harmee mucaa maraatuu,
Qal‟oon kee dhibeen naatuu,
Mucaan kee gaalamoottee
Kan leenca harkaan haboottee!
Kan leenca harkaan haboottee!
Leenca daggala keessaa,
Ibidda saafaa keessaa,
Yooman dhaqee seesuusaa,
Dha‟een buse ceekuu isaa,
Daggalarra qaariseen,
Qarriffaan facaasisee!
Qarriffaan facaasisee!
Isoobboo koo yadaalee,
An sanyii keen wallaalee,
Gammoojjiin taa‟iin jedheen,
Baddaattol si baase kaa,
Lafan adeemiin jedheen,
Mataattol si baase kaa!
Mataattol si baase kaa
!(ObboShuree Fayyeeraa

Pingback: Geerarsaa Nama Gafarsa Ajjeesee – Geda Bilisummaa
Pingback: about Gedausme – Geda Bilisummaa
Pingback: Mammaaksota Oromoo – Geda Bilisummaa
Pingback: Geerarsa Nama Leenca Ajjeesee - ^ ⬛⬜