MAMMAAKSA OROMOO pdf
Hamma Namaa hin Geessuu Cabsa namaa hin teessu!
Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa !
Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse!
Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan !
Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde !
Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute !
Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti !
Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa kuftee !
Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo Luboo Jechaa hafti !
Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan !
Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee !
Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti !
Sangaan bara qote hedata !
Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi !
Karaan Sobaan dabran galatti nama dhiba!
Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti !
Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu !
Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu !
Haadhaa fi adurree hin dhaanan !
Warri guddaan aduurree wasaasaa baata !
Adurreen keessi bineensa !
Maraatuu keessi gamna !
Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate !
Waan Waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu!
Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti !
Qindeessaan: Qubee Technologies
Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa
jedhe !
Manni of – jajjuu karaa dura
Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama!
Kan of jaju hin dogoggoru !
Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti !
Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu !
Duulli amma oduu hin gahu !
Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin
!
Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran !
Ollaa fi Waaqatti gadi bahu !
Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka !
Itti qabataaf cidhi ollaa jira !
Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha !
Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!
Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu
Kan harree hin qabne gaangee tuffata
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu
Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa
Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo
Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete
Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi
Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti
Wallaalan bishaan keessatti dheebota!
Qindeessaan: Qubee Technologies
Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu!
Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru!
Morki baduu mannaa mormi cituu woyya
Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen
Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan
Hirriibni hiryaa du’aati
Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa!
Afaan lafa taa’u lafee alalcha!
Horiin deegaa qilee irra dheeda
Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan
Bishaan malaan waaddan
Baraan barruu horan
Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin
Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan
Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne
Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi’aa kaasaa
Guddateef dubbii harretti hin fe’an
Qaallu salphattu nama du’utti waaman
Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya
Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!
Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!
Namni farda koorse galgala kooraa baata!
Farda hidhatan machiin tolti!
Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi!
Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!