Duulli amma oduu hin gahu
• Duulli amma oduu hin gahu
• Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re’eetin.
• Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran
• Ollaa fi Waaqatti gadi bahu
• Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka Itti qabataaf cidhi ollaa jira
• Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!
• Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan
• Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee ”Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
• Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama. Nama fardaan barbaadan lafoo argatu
• Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami
• Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti
• Ijjii fi ijoolleen tika baddi
• “Bagan si arge” jennaan “bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaa manaatiin
• Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa.
• Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura.
• Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon
• “Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen. Goondaan wal qabatteet laga ceeti
• Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
• “Oduuf na qalani” jette lukkuun.